Baankiin Hijraa Baankii Biyyaalessaa irraa hayyama argachuun biyya keenya keessatti guutuun guututti shari’aa irratti hundaa’uun tajaajila dhala irraa bilisa ta’e kennuuf Hagayya 29, 2013tti hojii akka eegale ni beekama. Imala Waggaa tokko fi ji’a kudhan dabarsineen Seenaa indaastirii baankii biyyattii keessatti guddina abdachiisaa galmeessisuun daandii milkaa’inaatti imalaa jira.
Bara baajataa 2022/23 xumurame kanatti guddinna Bu’aa baankichaa 162% (dhibbeentaa dhibba tokkoo fi jahaatamii lama) dabalatee milkaa’ina gaarii galmeessuu isaa gammachuu guddaadhaan isiniif ibsa.
Bara baajataa darbetti milkaa’ina galmeessine keessaa isaan ijoo akka asii gadii kanatti isinii dhiyeessa.
Bu’aa Baankichaa- Baankiin Hijraa hojii eegalee yeroo waggaa lama hin guunne keessatti bu’aa galmeessisiisuun milkaa’ina industurii baankii keessatti hin baratamne galmeessuu danda’eera. Baankiin Hijraa bara baajataa kanatti milkaa’ina kana kan galmeesse, biyyattitti tajaajila baankii dhala irraa bilisaa milkeessuf kaayyeffatee Karoora fi tarsiimoo waggaa shanii fi raawwii isaa akkasumas kallattii investimentii jalqabarraa qabatee ka’e hordofuudhaan.
Guddina abdachiisaa: Baankiin Hijraa yeroo gabaabaa hojii eegale keessatti amantaa cimaa hawaasa keenya keessatti horachuu fi Baankii filatamaa ta’uun Kuufama qarshii(Deposit) Biliyoona shan (5,000,000,000) walitti qabuu danda’eera. Kunis raawwii bara baajataa darbeen woli bira qabamee yoo ilaallame 273%(dhibbeentaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin) guddinna kan agarsiisee yoo ta’u, milkaa’ina kanaaf Baankii Hijraa maatii baankichaa hunda Onneerraa galateeffachuu barbaadna.
Bu’uura maamiltootaa bal’aa fi babal’inna dame: Baankiin Hijraa qajeeltoo tajaajila maamilaa irratti xiyyeeffatu hordofuun bara baajataa 2022/2023tti lakkoofsi maamiltootaa 122% (dhibbeentaa dhibba tokkoo fi digdamii lamaan), akkasumas baay’ina dameewwanii 80% (dhibbeentaa saddeettama) ol guddisuu danda’uun agarsiiftuu milkaa’ina guddaadha.
Bu’uura Qabeenyaa cimaa: Baankiin Hijraa milkaa’ina isaa bu’uura amanamaa cimaa ta’e irratti ijaaruuf carraaquun bara baajataa xumurame keessatti guddinna qabeenyaa 207% (dhibbeentaa dhibba lamaa fi torba) dabaluudhaan Birrii biliyoona (7,100,000,000) geessuu danda’eera.
Baankiin Hijraa abbaa teeknooloojii, baankii amanamaa, adda duree fi sadarkaa olaanaa ta’uun dame baankii tajaajila dhala irraa bilisa ta’e keessatti Teeknoolojiidhaan dursaa ta’uu amantaa qabateen; Teekinoolojii biyya keenya keessatti haaraa ta’e, guutuun guututti Baankota dhala irraa bilisa ta’aniif qofa kan qophaa’e, akka addunyaatti guutuun guutumaatti seera Shari’aatiin kan qindaa’e fi Dhaabbata Madaallii Idil-addunyaa ((Accounting and Auditing Organization for Islamic Financial Institutions-AAOIFI) waggaa waggaan kan mirkanaa’u, addunyaa irratti baankileen tajaajila dhala irraa bilisaa kennan 165 ol kan itti fayyadaman Sirna Baankii iMAL Core (iMAL Core banking) yeroo gabaabaa keessatti moojuulota 18 ol hojiirra oolchuu kan danda’e, Baankii jalqabaa ta’uu kan danda’ee dha.
Dabalataanis sadarkaa xumuraa teeknooloojiin mobaayil baankingii fi intarneetii irra gahe jechuunis, omni channel Baankota biyya keenya keessatti hojii irra oolchan lama keessaa tokko ta’uu danda’eera.
Tajaajilota baankii dhala irraa bilisa haaraa dabalataan beeksisuu: Baankiin Hijraa Jalqabarraa kaasee Shari’aa irratti kan hundaa’e fi Baankii dhala irraa bilisaa ta’ee, hanga ammaatti tajaajila dhala irraa bilisaa kennama ture dabalatee,bara bajataa kanaatti tajaajila dhala irraa bilisa ta’e haaraa hawaasa keenya gammachiisu ibsuuf qophii isaa xumuree jira.
Milkaa’ina armaan olitti ibsinee fi kan asitti hin ibsin itti fufiinsaan milkeessuuf, akkasumas baankicha bu’uura cimaa irra dhaabuuf, Kanaan dura carraan aksiyoona bitachuu worra jala dabreefi irra deebi’amee akka isaaniif gurguramuuf irra deddeebiidhaan worra gaafataa turan lammiilee itiyoophiyaa fi dhalattoota itiyoophiyaa, irra deebiin carraa akka argatan itti yaaduun, Aksiyoona haaraa abbootii aksiyoonaa buleeyyiif, maamiltootaa fi hawaasa guutuuf damee baankii keenyaa hunda keessatti Gurgurtaan akka jalqabame yoo isin beeksisu gammachuu guddatu natti dhagayama.
Walumaagalatti, Bu’aawwan garagaraa Baankii Hijraa yeroo gabaabaa keessatti galmeesse lakkoofsotni armaan gadiitti tarreeffaman ragaa dha.
Hanga bu’aa woliigala isaa (EBITDA) 162% (dhibbeentaa dhibba tokkoo fi jaatamii lamaan) guddiseera.
Baay’inna maamiltootaa 122% (dhibbeentaa dhibba tokkoo fi digdamii lamaan) guddiseera.
Maallaqa kuufamaa(Deposit) 273% (dhibbeentaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin) guddiseera.
Qabeenya isaa 207% (dhibbeentaa dhibba lamaa fi torbaan) guddiseera.
Baay’ina dameewwanii 80% (dhibbeentaa saddeettamaan) guddiseera.
Galii waggaa isaa 1,442% (dhibbeentaa kuma tokkoo fi dhibba afur fi afurtamii lamaan) guddiseera.
Hanga faayinaansii maamiltootaaf kenname raawwii faayinaansii bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 937%(dhibbeentaa dhibba sagalii fi soddomii torbaan) dabaleera.
Baankiin Hijraa mikaa’ina garagaraa hedduu kana galmeessuu kan dandayee akka waliigalaatti industurii baankii keessatti yeroo dorgommiin olaanaa jiruu fi akka biyyaatti damee diinagdee keessatti dhiibbaan guddaan mul’achaa jiruu ta’uun milkaa’inna kana dachaa isa taasisa.
Milkaa’ina kanaaf shoora guddaa kan taphattan Kabajamtoota maamiltootaa, abbootii aksiyoonaa, miseensota boordii duraa fi haaraa, gorsitoota shari’aa baankichaa, hoggansa baankii, hojjettoota of kennanii hojjattan, Piromooteroota baankii,fi isin maatiin bal’aan Baankii Hijraa maqaa koo fi hoggansa Baankii Hijraa, milkaa’ina baankii keenyaaf gumaata hanga ammaatti gootaniif baay’ee isin galatoomfataa; gama fulduraattis milkaa’ina amma galmeessinettii osoo hin boonin/itti hin quufin qaawwa qabnu madaaluun sadarkaa milkaa’inna ol’aanaatti ce’uuf cimnee akka hojjennu isin gaafadha.
Ammas irra deebiin isin yaadachiisuuf, Baankiin Hijraa yeroo hundeeffame abbaa aksiyoonaa ta’uuf carraa kanneen hin arganne, kabajamtoota jaalatamtoota maatii Baankii Hijraa imala milkaa’inaa taasisaa kan jiru abbaa aksiyoona baankii keenyaa akka taataniif gurgurtaa addaa aksiyoonaa qopheessinee kan jirru ta’uu isiniif ibsaa, miira tajaajiltummaatiin cimee kan hojjetu Hijraa Baankii waliin akka hojjattan waamicha koo kabajaadhaan isiniif dhiyeessa.
GALATOOMAA!
Waxabajjii 30 bara 2015-Finfinnee-Ethiopia
Leave A Comment