loader image

ሂጅራ ባንክ እና All Foundation በጋራ ለመስራት የሚያስችላቸውን የመግባቢያ ሰነድ በሂጅራ ባንክ ዋና መ/ቤት ተፈራረሙ፡፡

All Foundation ወጣት ተማሪዎችን የተሻለ የትምህርትና የስልጠና እድል እንዲያገኙ በማመቻቸት ላይ የተሰማራ ግብረ ሰናይ ተቋም ሲሆን ይህንኑ ተግባር በማስቀጠል በሚቅጥሉት 2 ወራት ከሀገራችን የተለያዩ ክፍሎች የተወጣጡ እድሜያቸው ከ18-30 ዓመት የሆኑ 1000 ወጣቶችን የስራ ላይ ስልጠና የሚያገኙበትን ’operation 1000 የተሰኘ መርሃግብር አስጀምሯል፡፡

All Foundation ባለፉት አመታት የተሻለ አፈፃፀም ለሚያሳዩ ተማሪዎች ከተለያዩ የትምህርት ተቋማት ጋር በመተባበር የተሻለ የትምህርት እድል እንዲያገኙ በመስራት የቆየ መሆኑን የፋውንዴሽኑ መስራችና ስራ አስፈፃሚ አቶ ኑርሁሴን ሃሰን ገልፀው በOperation 1000 በተለያዩ ተግዳሮቶች ምክኒያት በቂ የትምህርት አቅርቦት ካለማግኘት የስራ እድል ያላገኙ ወጣት ተማሪዎችን የስራ ላይ ስልጠና ለመስጠት ማቀዱን አብራርተዋል፡፡ ሂጅራ ባንክም እንደ ተቋም በቀዳሚነት በሀገራችን የተንሰራፋውና አሳሳቢውን የስራ አጥነት ችግር ከግምት ውስጥ በማስገባት ለተማሪዎች የስራ ላይ ስልጠና ለመስተት ከተቋሙ ጋር ለመስራት ያሳየው ተነሳሽነት ባንኩ የማህበራዊ ሃላፊነቱን ለመወጣት ያለውን ቁርጠኝነት የሚያሳይ መሆኑን በማንሳት አመስግነዋል፡፡

የሂጅራ ባንክ ፕሬዝዳንት አቶ ዳዊት ቀኖ በበኩላቸው ሂጅራ ባንክም ይህንን ሀገራዊ ተነሳሽነት ከግብ ለማድረስ በግንባር ቀደምነት 100 ወጣቶችን በመላው ቅርንጫፎቹ ላይ የስራ ላይ ስልጠና እንዲያገኙ, ማስቻሉን ገልጸው፤ All Foundation ሀገር ተረካቢ ወጣቶችን በእውቀት ላማብቃት እና ከስራ አጥነት ለማላቀቅ እየሰራ ላለው ሰናይ ተግባር አመስኘዋል፡፡ በተጨማሪም ሁሉም ባለድርሻ አካላት ይህን ሀገራዊ መርሃግብር በመቀላቀል ለስኬቱ የድርሻቸውን እንዲወጡ ጥሩ አቅርበዋል፡፡

Baankiin Hijraa fi All Foundation Sanada Walii galtee waliin hojjachuu isaan dandeessisu waajjira muummee baankii hijraatti waliif mallatteessaniiru.

All Foundation barattoonni carraa barnoota ol’aanaa akka argatan mijeessuu irratti dhaabbata hirmaataa jiru yommuu ta’u, hojii kana itti fufsiisuun ji’a lama keessatti kutaa biyyattii gara garaa irraa dargaggoota urmiin isaanii 18-30 ta’e 1000 ta’aniif carraa leenjii hojii itti argatan “Operation 1000” jechuudhaan jalqabsiisee jira.

Dhaabbatichi waggootan darbaniif barattoota qabxii ol’aanaa galmeessisan dhaabbilee barnootaa gara garaa wajjiin ta’uun carraa barnoota ol’aanaa akka argatan mijeessuu irratti hojjataa akka jiru kan kaasan hundeessaa fi hogganaa dhaabbatichaa kan ta’an Obbo Nuurhuseen Hasan, Operation 1000 irratti sababa gara garaatiin barattoota carraa barnootaa fi muuxannoo hojii dhabuun hojii dhaban leenjisuuf karoorfachuu isaa ibsaniiru. Baankin Hijraas rakkoo hoji dhabdummaa babal’achaa dhufe hubannoo keessa galchuun dhaabbaticha wajjiin barattootaaf leenjii kennuudhaaf waliigaltee mallatteessuun isaa baankichi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahuu irratti kutannoo qabu kan agarsiisu ta’uu ibsanii Baankicha galateenfataniiru.

Pireezidaantiin Baankii Hijraa Obbo Daawit Qannoo gama isaanitiin, baankin Hijraa akka biyyaatti kaka’umsa eegalame galmaan ga’uudhaaf barattoota 100 dameelee baankichaa kutaa biyyattii hunda irratti leenjii hojii kan kennu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatni All Foundation dargaggoota beekumsaan cimsuu fi carraa hojii uumudhaaf tattaaffii taasisaa jiruuf galateenfatanii, qaamni dhimmi ilaallatu hundi kaka’umsa kana galmaan ga’uudhaaf gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsaniiru.

Leave A Comment