loader image

Baankiin Hijraa appilikeeshinii Baankiingii mobaayilaa haaraa hojiirra oolche.

Tajaajilli baankii moobaayilaa haaraan Baankii Hijraa OMNPlus jedhamu Hagayya 26, 2015 irraa eegalee ifatti maamilaaf tajaajila kan kennu ta’uu  preezdaantiin baankichaa Obbo Daawiit Qannoo beeksisaniiru.

Ibsa oduu kana irratti akka ibsametti, aplikeeshiniin mobaayilaa ammayyaa ta’e kun fedhii maamiltootaa yeroo yeroon dabalaa jiru guutuuf kan qophaa’edha.

Appiilikeeshiinichi tajaajilaaf saffisa, mijaa’inaa, ga’uumsaa fi nageenya amansiisaa kan qabu yoo ta’u  afaanota shaniin kan qophaa’uun tajaajila baankii moobaayilaa fi baankii interneetii #USSD-waltajjii tokko keessatti kan walitti fidu ta’uu isaati, fayyadamaaf salphaa fi mijataa taasisuudhaan.

Bu’uura kanaan maamiltoonni Baankii Hijraa hundi tajaajila baankii mobaayilaa OMNIPlus Play Store ykn App Store irraa buufachuun tajaajila kana fayyadamuu ni danda’u.

OMNIPlus fayyadamuun   hanga maallaqaa qabdan to’achuu bira darbee, maallaqa herrega Baankii Hijraa irraan waliif erguuf,  ykln dhaabbilee faayinaansii biroo gidduuttis daddabarsa maallaqaa raawwatuuf; haftee Maallaqaa keessan  beekuuf;  gabaasa baasii fi galii herrega keessan  argachuu; Maallaqa Baankii Hijraa irraa gara Tele Birr akkasumas Teelee Birriitti dabarsuuf;  Herrega Qusannaa mataa keessanii irraa gara herrega qusannaa isa alammataa qabdanitti dabarsuuf; Odeeffannoo herregaa buufachuufi waliifis erguuf, yeroo qilleensa bilbilaa keessan bitachuuf, koodii QR ergamtootaa fi daldaltoota dhaabbilee akka Maayikiroo Faayinaansii Reeyisiitti  maallaqa daddabarfatuu fi dhaabbilee biroo kan Baankii Hijraa wajjiin hojjetan waliin sirna bittaa fi gurgurtaa kamuu keessatti salphaatti daldala raawwachuu fi maallaqa callaa akka argatan akka isaan dandeessisu ibsameera.

Baankiin Hijraa turtii waggaa lama hin guunne keessatti gara bu’aa jijjiirramuun isaa ni yaadatama.

Baankii Hijraa
Imala gara egeree ifaa!

Baankiin Hijraa jiraattota magaalaa Halabaa waliin Adoolessa 29/2015 tti marii bareedaa geggeesseera.

Marii isaanii keessatti Baankiin Islaamaa ija amantiitiin akkamitti akka ilaalamu irratti ibsi bal’aan kan kenname yoo ta’u, milkaa’ina baankichaaf  gaheen hawaasaa guddaa akka ta’e ibsameera.

Gaaffilee hirmaattonni kaasan irrattis deebiin adda adda  kennameera.

Dhumarrattis, Baankiin Hijraa bu’aa qabsoo hawaasaa ta’ee bu’aa caalu akka galmeessuuf qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessuun mariin xumurame.

Baankii Hijraa
Imala gara egeree ifaa!

o.

Lorem ipsum dolor sit amet, consectetur adipiscing elit. Ut elit tellus, luctus nec ullamcorper mattis, pulvinar dapibus leo.

Leave A Comment